Hangaaf Hoonga Siyaasaa ob. Leencoofii Michooma Arbenyooch G-7(Biraanuu Naggaa)

Share/Qoodi
  •  
  •  
  •  
  •  

Dhaaboonni Afur 1. Adda Demokraatawaa Oromoo (ODF), 2. Patriotik G7 2. Afar People’s Party fi 4. Sidama National Democratic Movement jedham guyyaa ar’aa (Onkolooleessa 27, 2016 dhaaba Ethiopian National Movement (Sochii Biyyooleessa Ethiopia) jedhu walitti baquun uummatani jiru.Dhaaba kanaaf akka jedhamutti caasaa isaani kan Gumii bakka bu’oota jedhu hogganan President ADO (ObboLenco Lataa fi Dr. Birhanu Negaa (G7) dha. Wanni nama dhibaa jarri G7 kun Oromoon jiraachuu fi mirgallee qabaachuu isaatti warra amanuu miti. Amma ODF warra dhiigaa fi lafeen abbaa biyyumaa barbaadu irratti aangaawuuf deema moo maali isa jedhu. Kana malees, OPDO Wayyaanee tahuuf oliifi gadi fiigani tahuufi dhabnaan OPDO G7 tahuuf ammas wixxirfachaa akka jiran garsiisa. Dhiiroo, ummata biyyaa dhumaa jiru irratti asii kaan activist kaan sochii Biyyooleessa Ethiopia (Ethiopian National Movement) jedhani fiiguun maali.

Kan sochii godhaa jiru biyyatti dhumaa jira, asii Wisky dhugaa sochii ummanni itti dhiigaa jiru abbaa tahuuf yaaluun doofummaa natti fakkaata. Barana waan ajaa’ibaati argaa jirra. Kaaniis Activist jedhee ODO fi kanneen Ethiopiatti amanan sochii ummataa gara dabarsuuf wixxifachaa jira. Warra takkaa hawaasa keessatu qooda hin kenninin tu galgaluma tokkoon Activist tahee gadi bahe. Mee gaa ni garra, eenyu irratti akka abboomtanii fi eenyu akka gurgurtan laalla. Gadisiisaan garuu yeroodhuma Oromoon jabaatu hunda kashlabbeen garaaf bololtu akkanaa gadi bahuu isaati.

1 thought on “Hangaaf Hoonga Siyaasaa ob. Leencoofii Michooma Arbenyooch G-7(Biraanuu Naggaa)”

Leave a Reply