Hidha haaromsaa፡ Sudaan marii dhimma hidha haaromsaarratti waliigaluu didde

  •  
  •  
  •  
  •  

Mariin Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti gaggeessaa jiran dhuma torbee darbees kan itti fufee ture yoo ta’u, marii kana ammas itti fufsiisuuf yaada dhiyaaterratti Sudaan waliigaluu didde.

Marii kana itti fufsiiuuf akka isaan gargaaruuf biyyoonni kunneen ogeeyyii Gamtaa Afriikaan bakka buufaman waliin erga mari’atanii booda, bu’aa marichaa Dura taa’aa Mana Maree Gamtichaaf yaa dhiyaatu yaada jedhurratti Itoophiyaa fi Masriin yoo walii galan, Sudaan garuu diduushee ibsi marii ministiroota biyyoota sadanii irratti ba’e ni mul’isa.

Itoophiyaan dursitee bishaan guutuu kan jalqabde yoo taatu, ergasiis biyyoonni sadeen jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin marii kan itti fufan yoo ta’u, mariin kunis furmaata waaraa hin fidne.

Mariin Dilbata kaleessaa ministiroonni biyyoota sadeenii mari’atanis waliigaltee malee xumurame.

Marii kana Gamtaa Afriikaa bakka bu’uun kan dursan Ministira Qindoominaa fi Hariiroo Biyya Alaa Afriikaa Kibbaa fi Dura taa’aa Koree Hoji-raawwachiistuu Gamtaa Afriikaa kan ta’an Naaleedii Paandoor.

Marii kun waliigaltee malee xumuramuutti kan gaddan qondaalli kun, dhimmicha gara Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa fi Dura taa’aa Gamtaa Afriikaa Siiril Raamaapoosaaf akka dhiyeessan beeksisaniiru jedha gabaasi miidiyaa Sudaan.

Sudaan gamasheen adeemsi bishaan guutuu hidha haaromsaa marsaa lammaffaan kan eegalamu yoo ta’e hidhashee guddicha Rooziyar jedhamurratti dhiibbaa guddaa waan uumuuf jetteeti kan dhimmicharratti waliigaluu didde.

Hidhi Rooyizar hammi bishaanii inni qabatu kan hidha haaromsaarra dhibeentaa 10n gadi jira.

Barruun biyya Sudaan tokko Ministira Qabeenya Bishaanii fi Jal’isii biyyattii kan ta’an Pirofeesar Yaasir Abbaas dubbisuun akka gabaasetti biyyisaanii adda addummaa jedhame akka dhiphatu feeti, kunis karaa qaamolee mariisisuudhaan gidduu jiraniin raawwatamuu qaba.

Masriin gamasheen hidhi haaromsaa bishaan hedduu qisaasessa waan ta’eef hammi bishaanii biyyishee argattu akkaan akka waan hir’atuutti irra deddeebiin himachaa turte.

Walga’iin kaleessa gaggeeffame silaa torbee dura gaggeeffamuuf kan karoorfamee ture yoo ta’u, garuu marii duraarratti Sudaan hin argamin waan hafteef mariin torbeetti darbee kaleessa gaggeeffame.

Marii yeroo darbe gaggeeffamerratti ejjennoon Sudaan kan mari’achuu qabnu ogeeyyii Gamtaan Afriikaa bakka buuse waliin ta’uu qaba malee biyyoota sadeen miti kan jedhu ture.

Marii alanaan kanaan biyyoonni sadeen ogeeyyii Gamtaa Afriikaa waliin mar’achuuf wayita yaadi dhiyaatus ammoo gamticharraa hooggansi yoo hin dabalamin walga’icha gaggeessuu hin danda’u jette, ammas Sudaan.

Itoophiyaanis waan Sudaanitti gaaffii ta’e kana deebisuuf jecha nageenyummaa hidhichaa, odeeffannoo wal-geeddaruu fi dhimmoota teeknikaan walqabatan biroo irratti furmaata kennuuf qophii ta’uu ibsiteetti.

Biyyoonni lameen Sudaanii fi Masriin osoo waliigalteerra hin ga’amin hidhi haaromsaa guutamuu hin qabu ejjennoo jedhu qabaatanis Itoophiyaan garuu ganna darbe hojii bishaan guutuu marsaa duraa milkaa’inaan xumuruu ibsitee turte.

Maddi : BBC NEWS Afaan Oromoo


  •  
  •  
  •  
  •  

Leave a Reply/Yaada Qabdan Asitti Barreeysaa