Ibsa ABO | Waamicha – Maree Hunda Hammate taasisuun Daandii Furmaatati

SHARE THIS/QOODI
  •  
  •  
  •  
  •  

Waamicha -Maree Siyaasaa Hunda Hammate taasisuun Daandii Furmaatati

(Ibsa ABO, Ebla 28, 2021)

Rakkoo amma Itoophiyaa mudatee jiru kana furuuf dhaabbileen siyaasaa adda addaa carraqqii hedduu godhanis furuu hin dandeenye. Biyyittiin amma daran kufaatii hamaa keessa seentee jiraachuu uummanni Idil-adunyaa, qaamonni dhiheenyaan dhimma Itoophiyaa hordofan fi dhaabilleen miti-mootummaa hundi hubatanii jiru. Walitti bu’inisii fi lolli bakka adda addaatti deemaa jiru ajjeechaa jimilaa fi buqqa’insa uummataa hedduminaan geesisaa jira. Hidhattooni mootummaa sirnaa fi to’anoo ala ta’uun uummata nagaa sababa tokko malee ajjeesaa fi dubartoota gudeedaa jiran. Loltooni Ertiraa fi humni Milishaan naannoo Amharaa jeequmsa hamaa Kaabaa fi naannolee birotti geesisaa jiru. Akkasumas ajjeechaa suukkaneessa fi buqa’insa bal’aa uummata nannoo Beenishangul Gumuz fi Walloo irraan gahaa jiru. Rakkoon naannoo Tigray amma illee furmaata hin arganne. Gargaarsi dhala namummaa uummata Tigrayi qaqqabsiisuun danqaa hedduu isa mudateera. Kuni hunduu rakkoolee biyyitti mudatan keessaa isa xiqqaa dha.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) itti gafatama isaa hubachuun waamicha waliigala qaamota dhimmi ilaaluu hundaaf dhiyeessa. Kanaan duras ABO yeroo adda addaatti waamicha walfakkataa fi yaadaa ijaaraa fi furmaataa biyyittiif ta’u dhiheessaa tureera. Yaadoleen ABO kunis osoo jirutti hiikamaniiru ta’e rakkoon har’a arginu kun Itoophiyaa hin mudatan ture. Akka fakkenyaatti kaasuuf ABO baatii Ebla bara 2020 keessaa yaada bal’aa rakkoo Itoophiyaa mudateef deemsa cehumsaa keessatti furmaata kan ta’u yaada isaa (recommendation) kenneera. Akkasumas ABOn dhaabbilee siyaasaa adda addaa waliin tahuun dhimma Federalawaa sabdaneessaa irratti yaada bal’aa fi hunda qabate akkasumas Seera Mootummaa Itoophiyaa keessatti deemsa cehumsaa akkamiin ta’uu akka qabu akeekeera. Yaadni tokkummaa dhaabilee siyaasaa kunis ifatti cehumsi kuni akkamiin akka ta’uu malu, mootummaa demokiraatawaa ta’e ijaaruu fi rakko keessaa fi alaa biyyittii mudate keessa darbuun mootummaa tasgabaa’aa utubuuf waliigaltee dhaabilee siyaasaa akka barbaachisu eereera. Kunis ammoo dhawata dhawataan haala seera biyyittii hordofeen deemsifamuu akka qabus yaada kana keessatti eerameera. Haata’u malee mootummaan aangoorra jiru yaada dhaabileen siyaasaa kuni dhiyeessineef bakka hin kennine.

Kuni akkanaan osoo jiruu Fulbaana 13 bara 2020, ABO irra deebi’ee yaada furmaataa rakkoo siyaasaa biyyitti mudatee jiruuf furmaata tokkummaan dhaabilee siyaasaa dhiyyeessan kan jabeessuu fi kanas mootumman irra deebi’ee akka ilaaluu gaafachuun ibsa baaseen gaafatee jira. Ibsa kana keessatti ABO rakkoo siyaasaa jiruuf akka furmaatatti dhaabileen siyaasaa waliin hojjechuun nagaa fi tasgabbii deebisuu, deemsa jijjirama daandii irraa jallate daandiitti deebisuu fi walii gala gaaffilee uummataaf deebii kennuun dirqii ta’uu akeeke. Ammas mootumman aangoo irra jiru yaada keenya hin dhaggeeffanne. Inumayyuu miseensota, deeggartoota fi uummata dararuu, sodaachisuu, hidhuu fi ajjeesuu jabeessee itti fufe. Keessattuu hidhaa fi dararaan miseensota fi deeggaartoota ABO irratti jabate. Ibsuma Fulbaana 13 bara 2020 bahe kana keessattis ABO dhaabbilee Idil-addunyaa kan akka AU, EU, UNSC fi UNHRC rakkoon Itoophiyaa mudate kuni hamaa ta’uu hubatanii jigumsa seera biyyittii fi marqama hawaasummaa irraa biyyittii oolshuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan gaafateera.

Akkasumas ibsa Mudde 12 bara 2020 ABO baase keessatti rakkolee siyaasa walxaxaa Itoophiyaa mudatan tarressuun filannoo biyyoleessaa gaggeessuu dursa rakkoolee siyaasaa jiran kana furuun dirqama ta’uu hubachiise. Bakka caasaaleen naannoo hundaa diigamee jirutti, lolaa fi walitti bu’insi bakka adda addaatti deemaa jirutti fi bakka tasgabbiin naannolee adda addaa keessatti hin jirretti filannoo biyyoolessaa gaggeessuun hin danda’amu. ABO kana hubachuun Naannoon Oromiyaa mootummaa cehumsaa biyyoleessa Oromiyaa ijarrachuun Filannoo sadarkaa Federalawaatti ta’uuf akka of qopheessu yaada dhihesse. Kunis rakko siyaasaa fi jeequmsa Oromiyaa mudachuu maluuf of qopheessuu fi mareelee siyaasaa sadarkaa Federalwaatti ta’uuf bu’uura ta’uu hubachiisa.

Itti fufuun ABO ibsa gabaabduu (memo) dhimma humnootiin biyya alaa fi Milishaan nannoo Amhaaraa keessoo Nannoo Oromiyaa fi Benishangul Gumuz seenuun jeequmsa gaggeessaa jiran kan ilaaleen Ebla 7 bara 2021 baaseen ifa godheera. Kunis rakkolee jiran daran hammeessun nageenya Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaa walxaxaa akka taasisu hubachiisee ture. Akkuma amaleeffatan mootummaan aangoorra jiru yaada fi furmaata ABO dhiyeesse dhiisuun, inumayyuu ilaalcha siyaasaa addaa warra qaban dararuu, uummata nagaa miidhuu, dhaabilee siyaasaa mormituu sodachisuu fi seeraa ala yeroo hatattama uummata irratti labsuun bulshiinsa humna waraanaa ijaaruu itti fufe. Har’a harki caalaan Naannoo Oromiyaa, Beenshangul Gumuz fi Walloon bulshiinsa humna waraanaa jala jiru. ABO fi Kongreesiin Federaalawa Oromoo (KFO) mootummaaa aangorra jiruun filannoo biyyoleessaa keessa dhiibamanii bahuu fi hirmannaa maree dhimma egeree biyyitti ta’u keessaa dhorkamuun kamirrayu yaddessaa dha. Akkuma beekamu ABO fi KFO dhaabbilee siyaasaa Oromoo jajjaboo lameen yeroo ta’ani uummata biyyitti harka 40 ol (>40%) ta’an kan bakka bu’ani dha.

Yaada maayiiratti, ABO yeroo kamuu caala dhibdeen haalli nageenyaa fi jeequmsi siyaasaa Itoophiyaa itti fufinsaan dhoramaa jira. Kunis amma sadarkaa haala isaa fi gara itti deemuu illee raaguun rakkisaa ta’eera. Sirna dhablummaanis heddummateera. Rakkooleen kunis yeroon furmaanni waliigala dhaabbilee siyaasaa mormituu dabalatee hin soqamneef biyyittiin rakkoo daran walxaxaa fi keessa bahuun ulfaata ta’e seenti. Furmanni kunis hidhamtoota siyaasaa hiikuu fi deemsa filannoo irra deebi’anii ilaaluu fi sirreessuu dabalata. Kana ta’uu baannaan rakkoo jiru daran kan hammeessaa deemu inumayyuu sirna dhalbummaa kan babali’suun gara dhiiga wal dhangalaasutti kan deemu ta’uu asumaan hubatamuu qaba.

ABO haga ammatti tarkaanfiilee uummanni Idil-addunyaa rakkoo kana furuuf fudhatan ni diqisiifata. Haata’u malee rakkoo hedduu bal’aa fi walxaxaa ta’e kuni xiyyeefannaa guddaa fi deemsa waligala ta’e barbaada. Kanaaf ABO dhaabbilee Idil-addunyaa kan akka AU, UNSC, EU fi dhaabbilee biroo dhimmi kuni ilaaluu hundaa yaada ABOn dhiyeesse kana xiyyefannaa itti kennuun dhiibbaa madalawaa ta’e mootummaa aangoorra jiru irra kaa’uun sirna bulshiinsa humna waraanaa uummata irratti diriirfame akka dhaabbatu taasisu ABO ni gaafata. Dhibdeeleen amma biyyittii mudataa jiru kuni akka jirutti itti fufnaan badii ulfaataa keessaa bahuun hin danda’amne biyyittii akka qunnamu hubatamuu qaba.
Furmanni waaraa fi dhaabbataa ta’e rakka Itoophiyaaf kan argamu deemsa maree siyaasaa waligalaa qaamolee hunda hammateen duwwaa akka ta’e ABO ni amana. Bakka bu’oonni dhaabileen siyaasaa hundi sirna maree siyaasaa waligalaa ta’u irraa qooda fudhachuun dirqama.

Dhuma irratti ABO qaamolee kamuu waliin maree gochuun yaada gara daandii furmataa waliigalaatti geessu fi adda addummaa siyaasaa gama haasaa fi mareen hiikuuf godhamu irratti qooda fudhachuuf yoom illee qophii ta’uu irraa deebi’ee ni mirkaneessa.

Injifannoon Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 28, 2021

Finfinnee (Addis Ababa)

Leave a Reply/Yaada Qabdan Asitti Barreeysaa