Irra Fardiin Siidaa Ijaaruu Osoo Hin Taane, Rakkoo Ardii Afriikaaf Furmaata Soquu dha. 

Share/Qoodi
  •  
  •  
  •  
  •  

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

 Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n murti Gamtaan Afriikaa Siidaa Bittootaa dhiiga ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo dhangalaasaa bahan akka Finfinnee Keessatti ijaaramu murteesse jabeessee balaaleffata. Duras dhaabbata. Ummatni Oromoos kanneen ilmaan isaa fixaa turan, lafa isaa irraa buqqaasuun hiyyoomsan, eenyummaa isaa irratti duuluun dhabamsiisuu irratti hojjataa turaniif siidaa dhaabamu jabeessee balaaleffatuu fi dura dhaabbatuu qaba.
Ardiin Afriikaa Ardii boodatti hafummaan beekamtu, beelli, dhukkubnii fi hiyyummaan keessatti dagaage, of danda’uu dadhabuu irraa biyyoota dureeyyii irratti hirkatuun deggersaa fi gargaarsa isaaniin jiraattu dha. Ardii mirgi siyaasaa fi uumaa ummatootni qaban keessatti hin kabajamne, mirga ofiif qabsaawuu fi gaafatuun yakka taasifamee lammileen keessatti ajjeefaman, hidhamanii fi keessaa baqatan, Ardii walabummaa irra kolonummaan itti hawwatamu akka taatetti jirti. 
Qaanii fi salphina akkaan ulfaataa kanneen keessaa silaa baasuun dirqama/hojii kanneen aangoo siyaasaa dhuunfatuun biyya dursina jedhanii ture. Haa tahu malee hiree ummatoota Ardii kanaa tahee mootummootni dhimma biyya hoggananii fi ummata bulchaniif dursa kennuun rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa furuuf hojjatan hin argatne. Kan argatan yo jiraatanis qubaan lakkaa’amu. Hedduu matootii Afriikaaf fardiin akkaataa itti aangoo irra turan falachuu fi mormitootni akka hin jiraanne shiruun dhabamsiisuu dha. Meeshaalee sab-qunnamtii dhuunfatuun ololaan bittaa ofii jireessuu fi sagalee ummatootaa ukkaamsuun umrii bittaa ofii dheereffatuu irratti hojjatuu dha. 
Matootiin biyyoota Afriikaa dhaabbata Gamtaa Afriikaa jedhu jalatti gurmaa’an walakkaa jaarraa oliif wagga waggaa fi akka barbaachisaa tahetti wal gahan. Haa tahu malee Gamtaan Afriikaa kun hojii ulfaatoo fi fardii Ardii Afriikaa fi ummatoota Afriikaaf tahu hojjachuuf osoo hin taane irratti wal faarsuu fi wal deggeruuf kan wal gahan tahuu waggootni 50 ol dabarsan ragaa tahu. Kana irraa har’as biyyootni Afriikaa hedduu mootummaa deggersa ummata biyya bulchanii hin qabneen durfamu. Kana irraas ummatootni biyyoota Afriikaa hedduun mootummoota farra dimokraasii fi abbaa irree jalatti hiraarfamaa jiran. Kan ajaa’ibu qaphxiileen fardii fi irratti mari’atamuu qaban akkanaa kaafamanii kan irratti hin mari’atamne tahuu dha.  
Hojiin Gamtaa Afriikaa dursa argatuu qabu silaa rakkoolee biyyoota Afriikaa gidduu akka itti furan ilaallatuu, rakkoo siyaasaa biyya tokko keessatti mul’atuun kanneen gaaffii mirgaa kaasuu irraa kumootaan ajjeefaman, kuma kudhanootaan hidhaatti guuramanii fi kumootaan baqachiifaman irratti mari’atuun furmaata itti gochuu, dhukkuba, beelaa fi hiyyummaa Afriikaa qaanfachiisee fi jilbeenfachiiseef furmaata argamsiisuuf mari’atuu ture.  
Matootiin Afriikaa horii ummataa fi biyya dursanii miliyoonotaan lakkaa’amu dhangalaasuun wal gahan kanneen garuu kan yeroo isaanii dabarsan dhimmoota bubuutuu fi fardii hin taane irratti. Kana irraahis wal gahiin Gamtaa Afriikaa Adoolessa 3-4, 2017 taa’e siidaan Hayle Sillaasee fi Mallas Zenawi akka ijaaramu murteessee ka’uun kana caalaatti ibsa.
Kanneen Siidaan haa ijaaramuuf jedhaman, ummatoota bitaa turan biratti jibbamoo, sirna booddeessaa fi abbaa irrummaa dursuun kan beekamani dha. Ummatootni Itophiyaa kana irraa ti bara 1974 mootummaa H/Sillaasee irratti finciluun kan aangoo irraa gugsan. Mallas Zeenaawis taanaan takkaahuu ummatootni Itophiyaa akka dursaa isaanitti osoo hin fudhatiin kan addunyaa kana irraa dabre dha. Sirni utubee dabres mormii ummatootaan hudhamee dhabamatti kan arreedaa jiru tahuu siidaan akka ijaaramuuf kanneen murteessan jalaa dhokataa dha jedhamee hin yaadamu. 
ABOn murtiin kun seenaa boodatti deebisuu kan kajeelu, faallaa dimokraasii tahuutti amana. Matootii sirna booddessaa fi Abbaa irree dursaniif kan beekkannoo kennu, qabsoo ummatootni bilisummaa fi dimokraasiif godhan dura kan dhaabbatu tahuutti fudhata. Kanneen har’a yaadaa fi fedhii ummatoota Itophiyaa osoo hin qoratiinii fi hin hubatiin, lafee fi dhiiga qabsaawota bilisummaa fi dimokraasii irratti siidaan mallattoo abbaa irrummaa akka dhaabbatuuf murteessan bor kan Emperor Bokaasaa, Idi Amiin, Mangistuu H/Mariyaamii fi kanneen biroo akka ijaaramuuf murteessuu irraa boodatti hin deebi’an.
Kanaaf ABOn murtii Gamtaa Afriikaa kana jabeessee balaaleffata. Duras dhaabbata. Ummatni Oromoos kanneen ilmaan isaa fixaa turan, lafa isaa irraa buqqaasuun hiyyoomsan, eenyummaa isaa irratti duuluun dhabamsiisuu irratti hojjataa turaniif siidaa dhaabamu jabeessee balaaleffatuu fi dura dhaabbatuu qaba. Kanneen bilisummaa fi dimokraasiif qabsaawan hundis murtiin kun faallaa dimokraasii fi bilisummaa tahuu hubatuun akka dura dhaabbatan ABOn waamicha isaa dabarsaaf.  
Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo 

Adoolessa 6, 2017

Leave a Reply