ODUU : Haalli Obbo Daawid Ibsaa keessa jiran beekamaa miti jedhame

SHARE THIS/QOODI
  •  
  •  
  •  
  •  

Haalli Obbo Daawid Ibsaa keessa jiran beekamaa miti jedhame.

Hayyu duree adda Biliisummaa Oromoo Obbo Daawid Ibsaa erga qaamolee mootummaatiin ugguramanii as jiraachuufi dhibuu isaaniiyyuu quba hin qabnu jechuun Gaafatamaan hariiroo Hawaasummaa ABO yeroo OMN-tti hime.

Obbo Daawid Ibsaa Adoolessa 17,2020 irraa eegalee mirga biliisaan socho’uu dhorkamuu isaanii kan yaadachiisu gaafatamaan Hariiroo Hawaasummaa yeroo ABO obbo Lammii Gammachuu, Eebila 1,2021 irraa eegalee ammoo Obbo Daawid Ibsaa namoota kam waliinuu wal quunnamuu akka hin dandeenye taasifaman jedha.

Ergasii as Eebila 3,2021 waraanni mootummaa qondaalotaafi miseensa dhaabichaa mana jireenyaa Obbo Daawid Ibsaa keessa jiraatan hunda hidhuun, Hayyu duree ABO Obbo Daawid qofa mana keessatti ugguranii akka turan OMN faana dha’uun gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Guyyaa gaafa sanaarraa eegaluun, maatiin Obbo Daawidis ta’e hooggantoonni dhaabichaa kamuu gara mana Obbo Daawid dhaquu akka hin dadeenyetti ittifamuu isaanii qondaalli ABO OMN dubbise kun ni dubbata.

“Bilbillis, interneetiinis mana Hayyu duree irraa citee, hanga yoonaa poolisiitu mana marsee eega” jechuun gaafatamaan hariiroo Hawaasummaa ABO yeroo OMN dubbise kun kan himu yoo ta’u, Obbo Daawid haala kam keessa akka jiran wallaaluun hedduu isaan yaaddessuu dubbata.

Yaaddoo isaanii kana akka keessa beekaniif, dhaabbilee mirga namoomaa, Imbaasiiwwaniifi Boordii filannootti yeroo garaagaraa beeksisanis hanga ammaatti dhiibbaan uumame akka hin jirres namni kun himee jira.

๐‘ฎ๐’‚๐’‚๐’Ž๐’•๐’‚ ๐‘จ๐’‡๐’“๐’Š๐’Œ๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’…๐’‚๐’Ž๐’†๐’†๐’ ๐’‡๐’‚๐’๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’Ž๐’Š๐’“๐’ˆ๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’๐’๐’Ž๐’‚๐’‚ caamsaa ๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’‡๐’‚ 6, 2021 mooraa mana Hayyu Duree Adda Biliisummaa Oromoo Obbo Dawwid Ibsaa seenuun haala isaan irra jiran baruuf deemanis, qaamoleen nageenyaa ol seensisuu diduusaa OMN odeeffateera.

Haaluma wal fakkaatuun Caamsaa ๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’‡๐’‚ 21, 2021 ammoo dhaabbanni ๐‘ฐ๐’๐’•๐’†๐’“๐’๐’‚๐’•๐’Š๐’๐’๐’‚๐’ ๐‘ช๐’๐’Ž๐’Ž๐’Š๐’•๐’•๐’†๐’† ๐’๐’‡ ๐‘น๐’†๐’… ๐‘ช๐’“๐’๐’”๐’” jedhamus, haala Obbo Daawid keessa juri hubachuuf garas deemanii, qaamolee nageenyaatiin ottifamanii jiru.

Haalonni kun marti nu yaaddessa kan jedhan qondaalli ABO OMN dubbise kun, haala kam keessa jiraachuu isaanii caalmaa, lubbuun jiraachuu isaaniifuu ragaa hin qabnu, Mootummaanis ajaja mana murtii malee mirga nama tokkoo akkas dhibuufi jiraachuu isaanii nuuf mirkaneessuu dadhabuun isaas shakkii keenya guddiseera waan ta’eef, uummatni Oromoo hoogganaasaa kana iyyaafachuu qaba jechuun OMN-tti himeera.

OMN

Leave a Reply/Yaada Qabdan Asitti Barreeysaa