Oolmaa Dhaddachaa Jawaar Mohaammadii fii Hidhamtoota Oromoo.

SHARE THIS/QOODI
  •  
  •  
  •  
  •  

Oolmaa Dhaddachaa Jawaar Mohaammadii fii Hidhamtoota Oromoo.


Mana Murtii Olaanaa Federaalaa – Dhaddaacha Farra Shororkeessummaa (Haaraya Moggaafame)
(Caffee Tumaa – Lidataa)


Jawaar Mohaammad faa Namootni diigdamii afran (warra bakka hin jirretti dhimmi isaanii laalamuun alatti) uffata keelloo uffatanii dhiyaatan. Barii waan bahaniif ciree akka hin nyaanne nutti himan. Jawaar goofareen isaa bareedee dheeratee abaaboo fakkaata. Akkuma barame fuulli isaan hundaatuu ifaa dha. Ofitti amanamummaa olaanaatuu irraa dubbifama. Manni murtii beellama har’aatti cehuusaatiin dura Jawaar fi Obbo Baqqalaan ajaja beellama darbeerratti waa jedhaniiru.

Obbo Baqqalaan yaada kennaniin nuti yoo hafnu iyyannoodhaan sababa quubsaa rakkoo nageenyaa biyyatti keessa jiru caqasnee dhaddachi akka achumatti nuuf hundaa’u gaafanneeti hafne. Humnaan dirqamanii haa dhiyaatan kan jedhame garuu nu gaddisiise, nuti mana murtii kana madaalawaa yoo ta’e amanuuf fedhii ajajni sun garuu akka shakkinu nu taasise. Yeroo Qaallitti kaanee as Lidataa geenyu karaan dheeraadha bakka hedduutti dhaabbanna kallattii kamiinuu balaan nutti aggaagamuu akka danda’u sodaa qabna. Wanta nurratti uumamuuf aababa kanaanis balaa dhaqqabuuf gaafatamummaa fudhachuu keessan isin yaadachiisuu barbaanna.

Jawaar Mohaammadis yaada kenneen nuti warra seera kabaju qofa osoo hin taane warra seerri akka kabajamuu qabsaa’aa turee jiru dha. Yoo hafnus kana booda hin dhufnu jeetii miti. Armaan dura sababa biyyi jeequmsa keessa jirtuuf yeroon nuti jalqaba iyyannoo dhiyeessine yeroo lolli Kaaba biyyatti itti baname ture. Nuti lubbuu keenyaaf of hin qusannu garuu yaaliin xiqqoonuu nurratti godhamnaan biyyattiin jeequmsa hamaa kana caalutti seenti, uummataaf, biyyaaf, mootummaafillee yaadneeti hafne, dhaddachi bakkuma jirrutti akka hundaa’uuf iyyannoos mana murtiitti galchine jedheera. Amma booda iyyannoo kufaa gootanii asitti akka laalamu gaafatamummaa fudhattanii jirtu. Rakkoo nurratti uumamu kamuu ‘Shanee’ Juuntaa, TPLF, Shaabiyaa wanti jedhu hin hojjetu, mootummaa fi mana murtii kanatu itti gaafatama.

Manni murtii garuu beellama darberratti waan jedhamuu hin qabne jedhe waan morkattoonni siyaasaa nu hidhan kaan hin ajajne yookaanis nuun hin jedhe dhaddachi kun jedhe. Humnaan dirqamanii dhaddaachatti haa dhiyaatan jedhame; waan qaanfachiisaa gootan. Nuti sababa dirqamnee mana murtiitti dhiyaannuf hin qabnu hin dhufnus jenne hin didne. Ammas wanti furame hin jiru. Ammas taanaan wanti tokko nurra geenyaan sababa saniin waan biyyatgiif uummatarra gahuuf mootummaatu gaafatama adda ammoo isin warra itti gaafatamummaa fudhatee akka deddeeb’iuu qabnu murteessetu itti gaafatama. Kana beekaa.

Manni murtiis yaadota ka’aniif deebi kenneen ajajni filannoodhaan kennamuu ibse. Beellama darberratti garuu abbootiin murtii akkaataa itti fayyadama jechichaati jechuun dhiifama gaafatanii turan.

Kana booda jala murtiin mormirratti kenname dubbifameera. Qabxiilee mormii kufaa godhaman keessaa tokko dhimma aangoo kan sirna federaalizimiitiin walqabatu dha. Mormiin ka’e ture gochi kun Magaalota Oromiyaa fi Finfinnee bakkoota dantaan Oromiyaa keessa jirutti raawwate waan jedhameef Manni Murtii Waliigala Oromiyaatti Afaan Oromootiin laalamuu qaba, aangoon bakka bu’ummaadhaan Mana Murtii Olaanaa Federaalaa bakka bu’ee dhimmicha laaluuf Heeraan qabus Mana Murtii Oromiyaarraa hin mulqamne kan jedhu dha. Delegated power qaba kan jedhu ture. Manni murtichaa dhimmichi aangoo federaalaati, seera federaalaa laallatu kan dhimma Addis Ababa keessatti raawwateen walqabatu dha, himatamtoonni garri caalu Afaan Amaaraa waan danda’aniif kaanif turjumaanni waan qophaa’eef manni murtii Oromiyaas asuma Finfinnee waan jiruuf sichi achitti dabarsanii himannaa dhiyeessuun mirga haqa ariifataa argachuu waan sarbuuf manuma murtii kanatti ilaalama aangoos ni qabna jedheera.

Manni murtii waan Heerri biyyatti delegated power jedhee tune concurrent power (ጣምራ ) jal’isuudhaan faallaa Heeraa, faallaa sirna biyyattiin hordofaa jirtuut murteesse. Dhimma federaalaa walfakkaataa ajjeechaa Naannoo Amaaraatti raawwatame Naannichi gaafatee Mana Murtii Waliigala Naannoo Amaaraatti ilaalamaa turuu ragaalee ni mul’isu.

Qabxilee biroo kaaniis kufaa gochuudhaan qabxiiwwan armaan gadiirratti himanni akka fooyya’e ajajeera. Haaluma kanaan manni murtichaa:

  1. Himannoowwan 5-10 irratti himannaan meeshaa waraana seeran alaa dhiyaate labsii meeshaa baheen yeroo cehumsa itti galmeeffamuu qabu keessatti waan qabameef galmeessuuf danbiis ta’ee sagantaan bahe waan hin jirreef mormii himatamtootaa gariin fudhannee seera yakkaa biraa kana haguuguu malu jalatti himannaan foo’aee akka dhiyaatu
  2. Himannaan 3ffaa shororkeessummaa himatamaa 1ffaa Jawaar Mohaammad’rratti dhiyaate sadarkaan isaa karoorsuu dhamoo qophii agarsiisa kun ifa tahee himannaan akka fooyya’u
  3. Himatamaa 3ffaa ilaalchisee sabaahimaalee hawaasumaa addaa addaa kan jedhu kam faa akka ifa ta’ee himannaan akka fooyya’u
  4. Himannaa keessatti ‘Shanee’ jedhamee kan ibsame gareedhamoo, nama dhuunfamoo, maali kan jedhu ifa ta’ee akka dhiyaatu

jechuun jala murtii kennuudhaan qabxiiwwan kanneen irratti himannaa fooyya’ee dhiyaatu eeguuf 14/05/2013 beellama. Abbaan alangaa warri himannicha qopheesse haala yerootiin bobba’anii fagoo waan jiraniif himannaa fooyyeessuuf beellama dheeraa ji’a tokkoo akka kennamuuf gaafatus abukaatootni fi himatamtootni keessattuu Hamzaa fi Obbo Dajanee Xaafaa mormaniif akka gabaabbatu ta’eera. Himanna kan bane dhaabbata malee namoota dhuunfaa waan hin taaneef warri qopheessan hin jiran jedhamee beellama dheeraa gaafachuun seeraa miti jechuun abukaatonni falmaniiru.

Obbo Hamzaan ‘nuti hidhamtoota siyaasaati filannoo keessaa nu baasuuf beellama dhedheeressuu tooftaa godhatan, kophaa dorgomanii kophaa moo’uuf beellamni gabaabaan kennamuu qaba jedheera. Obbo Dajaneenis gamasaaniitiin filannoo yoo maqaa dhoofnu siyaasa dubbatan jettu kuni miti. Manni murtii, poolisiin, boordiin filannoo fi kkf dhaabbilee dimokiraasii cimsan waan ta’eef dhimmi filannoo isinis ni laallata. Beellamni gabaabaa ta’uu qaba filannoo keessaa nu baasuuf tooftaa uumamuuf meeshaa ta’uu hin qabdan jedhaniiru. Kan biraa miidiyaaleen keessatti kan mootummaaf warri dhuunfa mootummaaf hoogan oolmaa dhaddachaa dhugaatiin ala akka hin gabaasne akka akeekkachiifaman gaafatanii manni murtiis fudhateera.

Himannaa fooyya’u eeguuf Beellamni 14/05/2013 ALH


Leave a Reply/Yaada Qabdan Asitti Barreeysaa