Qondaal ABO Yaasoo Kabbabaa Dabalatee Olmaa Dhaddachaa.

Share/Qoodi
  •  
  •  
  •  
  •  

Beellamni dabalataa hiraarfamtoota Oromoo galmee Yaasoo Kabbabaa jalatti argaman irratti ammas Baallama Dabalataa Qabamee Jira.

Gurraandhala 11, 2021

Gabaasa beellama mana murtii kan olmaa dhaddacha guyyaa har’aa Gurraandhala 11,2021 hidhamtoota siyaasaa galmee qondaala ABO kan ta’eef barsiisaaf barreeessaa Yaasoo Kabbabaa jalatti himataman irratti beellamni dabalataa qabamee jiraachuu mirkaneeffanne.

Hiraarfamtoota Oromoo sababaa siyaasaaf hidhaamanii jiran kan Galmee Yaasoo kabbabaa jalatti himataman har’a mana murtii Caffee Tumaatti dhiyyaataniiru.

Dhaddacha har’aatiin Abbaan alangaa ragaa qorannoo tika biyyaalessaa irraa dhiyyeeffachuu dabalataan qorannaaf ammas akka beellamni kennamuuf gaafatee guyuaa 15 irratti beellama irratti fudhachuu mirkaneeffanne.

Dhaddacha kana irratti qondaalli ABO Yaasoo Kabbabaa “dubbi shiraatiin dhimma keenya lafa irra hinarkisinaa!” Jechuun dubbachuu isaas odeeffanneerra.

Leave a Reply