Rakkoo siyaasa biyyi keenya keessatti kufte furuufis ta’e, filannoo wayyabaafi diimokiraasii geggeessuuf waltajjii Siyaasaa ballissuun dirqama

Share/Qoodi
  •  
  •  
  •  

Rakkoo siyaasa biyyi keenya keessatti kufte furuufis ta’e, filannoo wayyabaafi diimokiraasii geggeessuuf waltajjii Siyaasaa ballissuun dirqama jechuun KFO’n ibsa haala yeroo ilaalchisuun Amajji 9. 2021 baasee keessatti ibsee jira.

Ibsa kana keessatti, Paartiin Koongirensii Federaalawaa Oromoo hundeeffama isaarraa eegaluun, ce’umsa diimokiraasii milkeessuuf akkasumas ammoo rakkoo siyaasaa furuudhaaf waliin dubbachuu, mariyaachuufi karaa nagaatiin socho’uutti kan amanu ta’uunsaa ibsamee, sochii paarticha kanaan duraa keessattis qabsoo karaa nagaatiin uummata bakka bu’uuf siyaasasaa sochoosaa akka ture heera.

Itti dabalee ibsi KFO kun, Sirna Federaalizimii harki ADWUI borcaa ture qulqulleessee, giddu seenummaa qaama tokkoo malee Naannoleen mirga ofiin of bulchuu dhugaa akka qabaataniif qabsaa’aa turuusaa hima.

Qabsoo sirna Federaalizimii biyyattii kabachiisuuf taasiseenis, aarsaa lubbuutii hanga dararamuu, reebamuufi hidhamuu akkasumas godaansifamuutti miseensonniifi hoji geggeessitoonni KFO aarsaa kaffaluus ibsi kun ni yaadachiisa.

Har’as jedha ibsi KFO kun, “Har’as lakkoobsaan ibsuun kan ulfaatu miseensonni paartii KFO fi hooggantoonni olaanootii hanga dakaatti jiran manneen hidhaa Aanaa, Godinaafi Federaalaa akkasumas ammoo, buufataalee Humna Addaa fi waajjira Mootummaa keessatti, himata sobaafi olola dharaatiin hidhaa siyaasaa hidhamuura darbanii miidhaaf saaxilamaa jiru” jechuun gochicha kufaatii biyyattiitti fakkeessuun ibsa.

Ibsi KFO kun haala yeroo biyyattiin keessatti dhidhimtee jirtu kanaaf yaaddoo qabaachuusaan cinatti, egeree Itiyoophiyaa harka warra Sirna duriirraa dharraa qabanii keessatti kufuuf adeema sodaa jedhu qabaachuus heera.

“Rakkoo sababoota adda addaatiin yeroon geejibee biyya keenyatti fide sababeeffachuudhaan Humni bittaasaa haaressuu barbaadu Federaalizimii Sabdaneessummaa maqaa xureessuufi jibbisiisuuf yaalaa jira” jechuun kan balaaleffatu KFO’n, “Gaaffii sabummaa uummatni keenyaafi saboonni biyyattii waggaa hedduuf qabaachaa turan gara dabarsuudhaan, qabsoo aarsaafi wareegamni guddaan asiin ga’e Sirna Federaalizimii sabdaneessummaa biyyi keenya hordoftu akka waan kalaqa TPLF-tti fakkeessuun isaaniis, gita bittaa isaanii deeffachuuf taattaaffii sirni durii taasisaa jiru ta’uu waan agarsiisuuf utuu hin barfatin qabsoo Saboota biyyattiif da’oo ta’uun dirqama” jedha KFO’n.

‘Akka Paartii Koongirensii Federaalaawaa Oromoottis’ jechuun ejjennoo dhaabichaa yoo himu ibsichi, “Naannoon Oromiyaa sirna Federaalizimii Sabdaneessummaa keessatti kan hundaa’e yoo ta’u, sabni Oromoos eenyummaasaatti osoo hin qaana’in, Afaaniifi aadaasaatiin boonee, ofiin of bulchuun, miira gad gadaantummaa tokko malee biyyattii keessattis ta’e Addunyaarratti of kabachiisee akka jiraatu gochuun mullata KFO ti” jedha.

“Ta’us ammoo” jechuun danqaafi rakkoo Kaayyoo paartichaaf sababa ta’e yoo ibsu, “Federaalizimii sabdaneessummaa Heera Mootummaafi akka qajeelfama heerichaatti hundaa’e kana qaamoleen morman gama tokkoom yeroo mullatanitti, qaamolee angoo mootummaa heddumminaan qabatanii jiran keessaas sirna Federaalizimii sabdaneessummaa kana laamshessuuf kan hojjetan mullachaa akka jiran ni mullatu. Adeemsi kun ammoo biyyattii balaa guddaatti dhaqataa sodaa jedhuun qaba” jedha.

Rakkoofi walitti bu’insa sabootaa kan fakkaatu biyyattii keessatti uumamuusaan dura paartiin KFO mariin waloo kan hunda hirmaachise ni barbaachisa jechuun watwaataa akka tures ibsi kun ni yaadachiisa. Rakkoo walitti bu’insa sabootaa kanas maqaa Sirna Federaalizimii sabdaneessummaa hammeessuuf yookaan xureessuuf gocha jibbitoota eenyummaa sabootaa qabaniin deggeramee dhalate ta’uusaa shakkii akka qabu heera ibsichi.

Mariin waloo hunda hirmaachise akka geggeeffamuuf waamicha taasifnus Paartiin humnaan bitaa jiruufi mootummaan nu dhaga’uuf fedhii hin agarsiifnes kan jedhu KFO’n, “boordiin filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaas rakkoo itti adeemaa jirru utuu Giddu galeessaan hin ilaalin, Bishooftuutii hanga Aarbaaminciitti adeemuudhaan Marii harkifataa waggoota sadiif adeemsisaa tureen tibbana Gabatee yeroo Filannoo marsaa 6ffaa baasee jira. Filannoo marsaa shaniif kanaan dura biyyattii keessatti adeemeen, sagaleen wayyabaa utuu hin kabajamin hannaafi jeequmsarra darbee dhageettiifi beekamtii idiladdunyaa utuu hin argatin hafeera. Ammas ammoo filannoo marsaa 6ffaa kun haala kanaan kan adeemsifamu taanaan, akkuma baratametti sagaleen uummataa hatamuurra darbee, haqaafi dhugaa uummataa ni kabachissaa jennee Boordii filannoo amma jirurraa abdii hin qabaannu. Filannoo bara kana adeemsifamu wayyaba taasisanii yaaduunis garraamummaatiin yoo ta’e qofa” jedha ibsi KFO kun.

Xumurarratti, iyyaafi watwaatnaa keenya kan ‘Marii waloo hunda hirmaachise’ jedhuuf dhaggeeffataa dhabnus, har’as rakkoo biyyattiif furmaata mariirra caalu waan hin qabneef qabxiilee kana gadiitiin wamaicha dhiihessina” jechuun qabxiilee gurguddaa ja’a caqase jira.

Qabxiin 1ffaa, heera biyyattii bu’ura taasifachuudhaan mootummaan hidhamtoota siyaasaa hunda akka hiikuufi mirga yaada biliisaa akkasumas mirga biliisaan socho’uuf wabii akka nuuf ka’uun cinatti, waajjiraalee paartii moorkattootaa biyyattii keessaa cufaman akka banu gaafanna.
2ffaa, Naannolee biyyattii Hunda keessatti poolisoota humna addaa fi miliishaan socho’aan hundi, loogiifi caalchifannaa paartii Angoo of harkaa qabuurra walaba ta’anii, akka heeraafi mirga sabaafi sabllammoota kabachiisaniif mootummaan dirqama kennuufii akka qabu yaadachiifna.
3ffaa, Miidiyaaleen mootummaatiin bulchaman fedhii sirna angoo of harkaa qabu qofa guutuuf hojjechaa kan jiran yoo ta’u, miidiyaaleen dhuunfaa lafa jalaan mootummaa waliin wal quunnamtii qabanis, paartiilee mirga sabootaa kabachiisuuf dhaabbatan gad qu’uufi xiqqeessuuf jecha, ‘rukuti, balleessi’ jechuun yeedaloo qeenxee baafatanii geeraraa jiraachuu quba qabna. Kanaaf miidiyaaleen walaba ta’uudhaan dhugaafi haqa biyyattii tiksurratti akka hojjetaniif waamicha dhiheessina.
4ffaa, Seerri kan ba’u nageenya biyyaa eeguuf skkasumas wabii lammummaa jiraachisuuf akka ta’e ni beekama. Biyya heeraafi seera mataa ofii qabdu kana keessatti, nageenya, misoomaafi badhaadhinni waan irra deddeebiin maqaa dha’aman qofaaf hojiirra oolmaansaa hin yaadamu. Ajjechaa seeraan alaa, naannolee adda addatti lammiilee keenyarra qaqqabaa jiru, Hidhaa seeraan alaa, qe’ee ofirraa buqqa’uufi doorsifni lammiilee biyyattiirra qaqqabaa jira. Dabalatas, mirga nama dhuunfaa qofa osoo hin taane, mirgi mana murtiis, ajajnisaa kabajamuu dhabiidhaan poolisii biratti sarbamaa jira. Angaa’onni mootummaa uummatarratti yakka dalagan akka fedhanitti jiraachaa jiru. Rakkinoota kana furuun balaa walxaxaa biyyattiin itti adeemaa jiruturraa baraaruu qabdu jechuun ammas irra deebiin isinitti himna.

5ffaa, Dhaabbanni mirga namoomaa Itiyoophiyaa, rakkoo sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwachaa jiru xiyyeeffannoon akka qoratuuf adaraa jechuun ni gaafanna.
6. Haala yeroo biyyattiin keessatti kuftee jirtuuf mariin paartilee siyaasa biyyattii hunduu murteessaa ta’uu waan amannuuf ammas utuu baayyee hin barfatin, boordiin filannoo kallattii dhugaafi haqa qabeessatti deebi’ee yaada qajeeltoorra akka adeemuuf murtee keenyaan dhiibbaa akka taasifnuuf waamicha isiniif dhiheessina.

Dhumarrattis Cee’umsa diimokiraasii milkeessuuf Sheekonni, Luboonni, Abbootiin Gadaafi Jaarsoleen biyyaa hunduu, qabsoo karaa nagaa kabaja lubbuufi jiruu uummata keenyaaf jecha filanne kana akka fiigicha gowwaa nu jalaa hin taanetti, giddu seentummaa keessaniin milkii itti uffisuuf akka hojjettan waamicha isiniif taasifna” jedha KFO’n.

Xumurarratti “Cee’umsi Diinookiraasii milkaa’ee walii galtee biyyaalessaaf murteessaadha” jechuun ibsicha xumura.

Leave a Reply