Weellisaa Aadam Haruun; ‘Abdii Qopheen insaayikiloopidiyaa Afaan Oromoo ture’

  •  
  •  
  •  
  •  

6 Bitooteessa 2020

Weellisaa Aadam Haruun; ‘Abdii Qopheen insaayikiloopidiyaa Afaan Oromoo ture’

MADDA SUURAA, MAATII WEELLISAA ABDII QOPHEE

Ibsa waa’ee suuraa,
Weellisaa Abdii Qophee
Abdii Qopheen weellisaa, waloo fi loltuu ABO qabsoo hidhannoof bosona seene ture. Bara tokko otoo lubbuun jiruu boolla itti awwaalamu akka qotatu dirqisiifamee beeka ture.
Har’a Abdiin lubbuun hin jiru, waggaa 17’n dura du’aan darbeera. Siidaan yaadannoo dhaabameef jiraachuu baatus seenaa dhaabbata inni gumaache har’as baroota qaxxaamurutti jiru jedhu namoonni dhihootti isa beekan.
Jireenyasaa gara boodaattis sababni ijoon mana hidhaa shawaaroobiit keessatti reebame dhukkubsachuun lubbuu dhabeefis kaayyoosaa ganamaa akka ture miltoowwan Abdii Qophee itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.
Bu’aa bahii Abdiin jireenyasaa keessatti dabarseefi gumaachi inni aartii Oromoo keessatti qabu hangami? Abdii Qophee akkamiin yaadattuu? jechuun gaazixeessaa fi qabiyyee sirboota xiinxaluun kan beekaman Ibiraahim Haajii Alii, wallee gameessa Aadam Haruun fi haadha warraasaa BBC’n dubbiseera.
Ibiraahim Haaji Aliin Abdii waggoota dheeraafin itti dhiyeenyaan beeka jedhu.
Sirboota barreessuudhaan namoota hedduuf gumaacha ture. Walaloo bareessuun Abdiin garafameera, hidhaa seenee gidirfameera jedhanii dubbatu.
Boolla itti awwaalamullee iddoo dhalootasaa Dadaritti akka qotatu sababuma walaloo sirbaa barreessuun kanaan dirqisiifamees ture jedhu.
Rooorrisni kamiyyu isa mudatus garuu, bara dhufe darbu Abdiin walaloo sirbaan waan dubbatu hin dhabne, jechoonnis itti hin hankaakne. Qalamnisaas mirgisuu hin dhiifne.
Jechoota baduuf qarree gahan qotee barreessa. Bilchina walaloo sirbaa inni barreessuun ammallee baroota qaxxaamuranii akka dhaggeeffataman taasiseera jedhu Ibiraahim Haaji Aliin.
Barri bara bilisummaati: Aartistoota Oromoo
Elemoo Alii ganna 40 ol booda gara biyyaa deebi’e
Daddaraaroon Oromiyaa eessa jira?
Walaloon sirboota inni barreessu dandeetti qalbii namaa booji’uu qabu. Yeedalloo ofiif baasa, sagalee bareedduun sirbee qalbii namoota hedduu keessa jira jechuun himu.
Abdii Qopheen weellistoota Oromoo gameeyyii hawaasa biratti beekamaniifi amma lubbuun isaa darbutti walaloo sirba barreessee lakkoofsaan hedduu gumacheera.
Artistoota gameeyyii akka Alii Birraa, Abbitoo Kabbadaa, Halloo Daawwee, Aadam Haruun, Hirphaa Gaanfuree, Qamaar Yusuuf, Abdii Ibraahim, Almaaz Tafarraa, Kadir Se’id, Raayyaa Abbaa Maccaafi Usmaayyoo Musaa fa’aan weellistoota Abdiin walaloo sirbaa gumaacheefidha.
Weellistoonni maqaan isaanii hin eeramnes jiru. Fakkeenyummaa gaarii itti agarsiisuun hedduu qaree baase. Knaafis, mana isaatti artistoota Oromoo hedduutu wal arga jedhama.
Abdiin garuu ogeessa muuziqaa qofa hin turre qabsaa’aadhas. Kanneen isa beekan akka jedhanitti hidhannoo qawweenis bosona seenee falmuutti gaheera.
MADDA SUURAA, MAATII ABDII QOPHEE
Ibsa waa’ee suuraa,
Qophii Raadiyoo Harariif sagalee otoo warabanii suuraa kaafame
Moggaasa maqaa Qophee
Maqaan isaa guutuun Abdii Mohaammad Yusuufi. Raadiyoo Harar keessatti qophii qopheessee dhiyeessuu isaarraan kan ka’e maqaa ‘Abdii Qophee’ jedhu argate.
Namni Raadiyoo Harar keessa hojjataa ture hundi maqaa ‘Qophee’ jedhuun hawaasni dhaggeeffatu waama.
Namni biraas maqaa ‘Qophee’ jedhuun waamamu jiraa jechuudha. Garuu, obbolaa waliin dhalatan miti.
Abdiin barataa Yunivarsiitii Finfinnee wayita ture bara 1960 keessa eegale sochii barattoota keessatti qabsoo keessa ture.
Michuu baayyeen qaba lixa biiftuutirraa
Dhaamsakoo gahiini …jedhee Aadam Haaruunif walaloo barreesse keessatti tokkummaan hangam akka barbaaachisaa ta’e agarsiise.
‘Jaalala dhugaa mi’ooftuu..’ jechuun kan Abbitoof barreesse weellistoonni afur itti darbuun weellisaniiru. Baroota qaxxaamuranii ammas hawaasa biratti jaalatame.
Qabsoo hidhannoof gaaf Abdiin bosona seene akkas jedhees weelliseera.
‘Hidhatarraan yaa hidhannoo sinnaaraa
Ati hin dhufiin natu dhufee silaalaa ..’ jedhe weellise.
Sirna Hayila Sillaaseeti amma ADWUI tti walaloon inni barreesse dhaamsa dabarsan qabu ture.
Abdii Qophee gitaaras dhahata sirbaa ture. Sirboota hedduus kan gumaache bara itti maallaqni xiqqaan walleedhaan argamutti ture.
Gumaachisaa hangam yaadatama?
‘Seenaa dhaabbataa
Galmee seena galmee seenaa ..’ jedhee kan walaloo sirbaa gumaache Usmaayoo Musaa Abdiin jiru qananii hin dabarsinee, yaadannoon siidaan addatti dhaabbateefillee hin turre jedha.
Walaloo Abdiin barreesse weellistoonni kaan itti darbanii weellisaniiru garuu, amma gumaachasaatii Abdiin hawaasa beekama jechuun nama rakkisa.
Sababni ijoon isaas waan lamaa. Weellistoonni maqaa nama walaloo barreesseefi haqa abbaa (credit) kaasseettin wayita bahu hin himani. Kan lammaaffaan, dhiibbaa sirna siyaaasaatiin ture.
Maqaan isaayyuu akka hin dha’amneef dhiibbaa karaa mootummaa biyya bulchuun amma waggoota muraasan duraatti ture.
Raadiyoo Faanaatiin walaloo sirboota ilaalchisuun dhiyeessine hordofuun waltajjii dhimma walaloosaarratti xiyyeeffatu barattoonni Yuunvarsiitii Finfinnee qopheesssan. Afferameen dhaqeen sirnuma mootummaa kanaa keessaatti ‘waa’eesaa hin dhaadheessinaa ‘ jedhamne dhorkame jedhu Ibraahim Haji Aliin.
Walaloo qalbii namaa hawwatuun sirbi barreeffamee dhiyaate jennaan jalqaba namni hidhamu isa ture.
Walaloo kam fa’aa barreesse?
Abdii dhimmoota danuurratti walaloo barreesse. Walaloon sirbaa Abdiin barreesse jibba, jaalala, qabsoo, hiriyyummaa fi dhimmoota walqixxummaa koorniyaan wal qabatu.
‘Wallee inni dura Aliif barreessee rakkina hawaasni keessa ture ni agarsiisa.
Maal jedhanii maal himanii
Yoggaa yaadaan dhibamanii
Afaan wallaalanii…’ jedhee barreesse.
Kana qofa miti, Hiriyaa jaalalaafis akkas jedheetu achumarraan barreesse.
‘Cuncuna haadhadhee dhagaa boraafadhe
Biyyaafin dhaabadha roorroo ifaadhee
Dhufeetan silaala yoodhan mirga argadhee..’ jedhee barreesse. Biyyaas bahee ture. Garuu, biyyuma keessa taa’een qabsaa’aa jedheetu gara biyyaatti deebi’ee gale.
Sirna dargiif ADWUI keessatti gumaachisaa olkaafame akka hin himamneef dhorkamaa ture jedhu namoonni dhiheenyatti isa beekan.
‘Michuu baayeen qabaa lixaa biiftuutirra
Dhaamsa koo gahiini…jechuun Aadam Haruuniif barreessee keessatti tokkummaan hangam barbaachisaa akka ta’e ibseera.
Garuu jireenya gammachuu hin dabarsin darbarsinee jimaa gurguruuttis deebi’e, bu’aa bahii baay’ee otoo arguu lubbuu dhabe jedhan gaazixeessaafi artist Ibiraahim Haaji Alii jiruu Abdiin dabarse wayita yaadatan.
Walaloo sirboota kaassettii hedduu namaaf gumaaches sassaabanii akka maxxansiisuuf funaanaa jiran himan.
Weellistoota Abdiin walaloo sirbaa bareesseef hedduu keessaas Aadam Haaruun waa’ee Abdii kana jedhani.
‘Abdiin Insaayikilopidiyaa Afaan Oromooti’ jedhani .
Walaloo inni barreesse ganna 30 booda Oromoodhuma biratti xiinxalamee hiika argatee jedhan gadii fageenya walaloo inni barreessee wayita ibsan.
Kana malees walaloo sirba
‘Ayyaana kootu badeemoo
Hiree kootu jallatee
foon kootu na lagate
alagaa filate .. ‘jedhee naaf barreesseera jechuun yaadatu.
Maatiisaarraa akkamiin lubbuu dhabe?
Aadde Indiyaa Usoo haadha Warraasaa kan lammataati. Sirboota Kaassetta ofisaati 8 hojjateera. Sirboota lakkoofsaan hedduu lakkoofsaan hin beekne garuu weellistoota Oromoo danuuf gumaachusaan beeka jedhani.
Daqiiqaa muraasatti dandeetti walaloo sirbaa maddisisee barreessuu danda’ullee qaba. Miirasaa walaloon ibsata jecuun ibsu.
Ijoollee afur waliin horatne waggoota 28 magaala Finfinneetti gaa’ilaa dhaabuun waliin turre. Dirree dhawaattis reebamaa hiraarfamaa ture boodarra Finfinneetti galee.
Finfinneettis hidhaaf dararaan humnoota tikaa irraa hin hafne. Biyya Jarmaniitti baqachuuf dirqame. Haala qilleensa qorraa keessa jiraachuun itti jabaate ji’a afur booda gara biyyatti deebi’e jedhan.
Gaafa Abdiin biyyatti deebi’u maaliif deemte jedhame humnooni tika mootummaa cancala harkaatti hidhanii mana hidha Shawaa Roobii geessan jedhu
Gaafa Abdiin nama ganna 60 ture umrii maangudummaattis ji’oota saddeet hidhameetti reebamee, tumameetu mana hidhaati mana yaalaa seenuus miidhama irraa qaqqabeen dhukkubsataa erga tureen booda waggaa 17’n kana du’aan darbe jedhu Aadde Indiyaan.
Ijoolleesaa abbaa malee guddisaa akka jirtu kan dubbattu haati Warraa isaa Indiyaan mana kiraa tokko keessatti ijoollee waliin horatan guddisuuf qabsootti jiraachuu BBC tti himte.


  •  
  •  
  •  
  •  

1 thought on “Weellisaa Aadam Haruun; ‘Abdii Qopheen insaayikiloopidiyaa Afaan Oromoo ture’”

  1. Pingback: Weellisaa Aadam Haruun; ‘Abdii Qopheen insaayikiloopidiyaa Afaan Oromoo ture’ – Site Title

Leave a Reply/Yaada Qabdan Asitti Barreeysaa